በአዲስአበባ የሚሸጠው ይህ የ’መደመር ትዉልድ’ መጽሐፍ ገቢ ለከተማችን ህፃናት መዋያና መጫወቻ ስፍራን መገንቢያ እንዲዉል ስላበረከቱልን በከተማችን ነዋሪዎች ስም ከልብ እናመሰግናለን ።
የከተማችን ነዋሪዎችም ይህንን መጽሐፍ በመግዛት ለልጆቻችሁ የመጫወቻና መዋያ ቦታ መገንባት እንድንችል እንድትሳተፉ ጥሪዬን አቀርባለሁ።
Kabajamoo Muummeechi Ministiraa keenya ammas kitaaba ”Dhaloota Ida’amuu” barreessuun dhaloota keenyaaf ijaarsa akka ta’uuf nuuf gumaachaniiru.
Finfinneetti kan gurguramu kitaabni Dhaloota Ida’amuu kuni galiin isarraa argamu ijaarsa oolmaa fi iddoolee tapha daa’immanii Magaalaa keenyaatif akka ooluuf dabarsanii waan nuuf kennaniif maqaa jiraattoota magaalaa keenyaatiin onneerraa galateeffanna.
Loomiin shantamaa nama tokkotti ba’aa namoota shantamaaf garuu faaya waan ta’eef jiraattoonni magaalaa keenyaas kitaaba kana bitachuun ijoollee keessaniif bakka oolmaa fi taphaa ijaaruu akka dandeenyu akka hirmaattan waamichakoon isiniif dhiyeessa.